09/12/2022
Silaa namuu akkanuma tahee
***************
Kaliifa 2ffaa Bara UMAR IBNU KATTAAB (R.A) bulchaa ture san dargaggoonni sadii namicha tokko qabanii hidhanii gara amiira islaama umar fidan.
“Yaa Amiiral Islaama Namichi kun abbaa keenya nu jalaa ajjeesee jiraatii haddii (adabbii) akka itti nuuf murteessitu barbaanna” jechuun gaafatan.
Umar “Abbaa isaanii Maaliif ajjeefte?” jedhee Umar namicha ni gaafate.
NAMICHA “Yaa amiira mumiintoota Ani tiksee gaalaa ti ajjeechaaf yaadee miti,
Gaalli kiyya tokko lafa dallawa isaanii irraan achii laatee muka irraa baala osoo nyaatutti jiruu abbaan isaanii dhagaan darbatee gaala koo na jalaa ajjeese. 🐪🐫
Aniis dhagaa inni darbate gaala kiyya sanaan dhawe san fudheen yommuu darbadhu abbaa isaanii duraa ajjeese.” Jedhe
UMAR(R.A) " yoo ajjeesuu kee amante tahe atiis adabbii du'a sitti murteeffamee jira jedheen.
NAMICHA “Tole murtii kana jaladheera garuu guyyaa sadi qofa naaf kennaa deebi'etiin dhufaa yoo naaf hayyamtu ta'e,
ani abbaan kiyya yommuu du’u anaa fii obboleeyyan kiyya xixiiqqoo waliin sanduuqa (qabeenya dhoksaan kaawwame) amaanaa ijoolleef qoodi jedhee natti kennee ture. Yoo ani asitti du’e immoo qabeenyi sun lafatti bada, ilmaan xixiqqoon yatahamaani waan nyataan dhabanii beelawuu naaf hayyama, biyyii keenyas fagoodha, kanaaf akkaan daddafee amna guyyaa 4 guyyaa sadii keessatti dhufuuf naaf hayyamaa.
UMAR R.A " kanaaf hanga ati dheeyxee deebituutti eenyuutu wabii siif taha ree? Jedheen
NAMICHA, namoota islaama walitti qabamanii tatta'aan tokko keessa oliif gad daddeeme nama tokko ilaale namni inni beeku tokkolleen keessa hin jiru, booda “namicha kana” jedhee nama tokkotti akeeke. Namichi asaabticha beekkamaa Abbaa zarriil khiffaari ture
UMAR, R.A “Yaa Abaa Zarri namicha kanaaf wabii ni taataa?” jechuun Umar (R.A) gaaffate.
ABBAA ZARRII R.A Eeyyan yaa Amiiral Mu’umiinaa jechuun deebiseef.
NAMICHA Eegasii ni deeme.
Guyyaan 1ff ni dabre.
Guyyaan 2ff nidabre
Gaafa guyyaa sadaffaa irratti namichi yoo hin dhufnee adabbiin du'a waan Abaa Zarriin irratti raawwatamuuf asaaboonni ni rifatanii muka irraatti ol-bahaani namicha ilaalaan namichii hin jiru, abbaa zarriin hidhamee du'aaf deemu. 😭
NAMICHA. guyyaa sana namichi salaata magriibaa dura osoo fiiguu hafuurrii itti citaa, booda carqii adii harkattii qabatee samii keessa ol-qabaa 🏃♂️fiigichaan dhufe.
Figichaan waan dhufeef akka dadhabee ture fuula isaa irraa ni
beekkama ture. Maashaa allah maali namni akkasii osoo arra ta'ee eenyuutu du'aaf deebi'ee dhufa?
Namichi dhufeetii Umarin (R.A) fuuldura dhaabbachuudhaan “Yaa amiira muuminaa qabeenya obboleewwan kiyyaa fii obboleewwan haadha kiyyaatiif kenneetiin dhufe jadheen.
Amma to’annaa kee jalaan jira murtii narratti raawwadha” jechuun dubbata. Subahaanaallh
UMAR. R.A ni ajaa’ibsiifate.
Osoo achiin baddee hafuu dandeessuu akkamitti deebitee dhufte? Jechuun gaafateen.
NAMICHA, Bara keenya kana keessa “Namoota jiddutti jecha beellamaa guutu(waadaa) walii
kabajuun hafe akka hin jedhamneef sodaadheetiin” jedhetiin maqaa diin/amantii islaama/ sababa kiyyaan akka hin xiqqanneef, waada guutuufiin dhufe. Jadhe. Allahu akber☝
UMAR R.A gara Abaa Zarritti gara galee
“Yaa Abbaa Zarri! Namicha kana nibeeyta Turte mo?
ABBAA ZARRi " lakkii hin beekuu"
UMAR R.A "Osoo hin Beekiin akkamitti wabii taateef?” jechuun gaafate.
ABBAA ZARRII “Anii wabii isaa kaniin ta’eef zamana keenyatti namoota jidduu hojiin Kheeyrii dhabamte islaamni waliif hin dhabbattu kan lubbuu waliif kennuu hin jiru akka hin jedhamneef sodaadheetiin” jedhee deebiseef.☝️
IJOOLLEEN DARGAGGOOTA Yeroo san ijoolleen abbaan isaanii jala du'e kanaan qalbiin obboleeyyan abbaan
isaanii jalaa ajjeefame baayyee qalbii captain bo'aani qalbiin xuqamte.
“ Wallaay nutiis dhiifne adabbiin akka isa irratti hin raawwatamne afwii (dhiifama) isaaf goonee jirra” jedhan.
UMAR R.A "maaliif Dhiiftaan"? Jedhee isaan gaafate. Namoonni achii turan akkuma jiraniin dubbicha hordofaa turan boha jiru😭😭😭
DARGAGGOOTNI yeroo deebii kennan
“nutis Bara keenya kana keessaatti immoo namoota jiddutti afwii walii godhuun dhabame akka hin jedhamneef sodaanneetii” jedhanii deebisan.
Subhaa nallah!
Aniis immoo namoonni waan kheeyrii dhagahan waliif hin dabarsan akka hin jedhamneef sodaadhee kunoo seena kana
isiniif dabarseetiin jira.
By Abdulwahid Ibraahim
ALLAHU AKBAR☝