22/09/2022
Seer-Maleessummaan waa'ee Oromoo ilaalchisuun barraa'e haqamuu qaba.
Tarkaanfii Hatattamaa Barruu Dogoggoraa/ Seer-maleessa waa’eee Oromoo irraatti baarraa’e ilaalchisuun fudhatame!
I/ Aanaa Perezdaantii Dhimmoota Akkaadaamiitiif
Yuunivarsiitii Jimmaa
Dhiimi isaa:- Tarkaanfiin Sirreeffamaa Ariifachiisaan Akka Fudhatamu beeksisuu ta’a
Yuunivarsiitii Jimmaatti Sagantaa barnoota fagoo Muummee Sooshiyoolojiitiin kennamuun moojuula gosa barnootaa ‘Sociology of Ethiopian Societies’ jedhamuuf barattootaaf qophaa’e irratti dhimma seenaa ummata Oromootiin walqabatee ibsi kenname dogoggoraafi seer-maleessa waan ta’eef murteewwan armaan gadii akka fudhataman isin beeksisa.
1ffaa- Moojuula sagantaa barnoota fagoo raabsame irratti yaadniifi ibsi dogoggoraafi seeraan alaa kenname kan ejjennoo Yuunivarsiitii Jimmaa hin ibsine tahuun hubatamee sirreeffamni atattamaa akka taasifamu
2ffaa- Moojuula sagantaa Barnoota fagoof raabsame irratti Ibsi dhiyaate kan ummataafi ummata walitti buusuu fi seera bilisummaa akkaadamii Dhaabbata Barnoota Olaanoo garmalee fayyadamuun kan barraa’e waan ta’eef moojulichi akka hin baayifamne, barattootaaf kan raabsames akka sassaabamu godhamee atattamaan akka dhabamsiifamu
3ffaa- Qaamonni hojii kana keessatti hirmaatan keessattuu barreessaafi gulaalaan moojuulichaa guyyaa har’aa Fulbaana 12 bara 2015 irraa kaasuun hojiirraa akka dhaabsifamanii seera Yuunivarsiitichaatiin dhimmichi koree namuusaaf dhiyaatee atattamaan murtiin akka itti kennamu
4ffaa- Rakkoon akkanaa irra deebiin akka hin mudanneef kitaabota barnootaa Yuunivarsiitichaa hunda irratti xiinxalli gadifagoon akka taasifamu
5ffaa- Murtiin bulchiinsaafi seeraa fudhatame ummataaf ifa akka godhamu akeekkachiisaa gara fuulduraatti xalayaan dhiifamaa marsariitii Yuunivarsiitichaafi toora miidiyaalee hawaasaa hunda irratti akka maxxanfamu cimseen isin akeekkachiisa