31/08/2023
Ijoolleen Bahaa Dhihaa, ijoolleen Kaabaa Kibbaa
Tokkummaadhaan qabsaaโaa, tariin dhukkubsattee
Lubbuun morma geesseettii, awwaalaf qoqophaaโaa/2/
Qabsoon waliin malee hin taatuโฆ. ijoolleen Oromoo kallattii hundarra jirtan, tokko taโaa walitti birmadhaaโฆ. Wayyaaneen baduuf kaatee jirtiiโฆ.. tokkummaan humnaa! tokko taโaa! Yaada jedhu of keessaa qaba.
Surree koof shaamisii koo, mataattan boraafadhee
Dhiiga koo ishee i joollummaa /2/ bosonattan obbaafadhee
Bosona yaa qorra ishee, Ganna yaa diillalla ishee
Jajjabee jabinashee WBO kee yaa obsa shee/2/
Qabsoon waan salphaa miti. Rakkinnii fi dhiphuun dabaree namatti wal furu. Jiruun bosonaa beelaa fi dheebuudha. Ganna hurriinโฆ., roobniโฆ, qorriโฆ. eenyummaa namaa jijjiiru. Akka nama kamiittuu mana taaโuu, wallaalee ykn waan nyaadhu dhabee miti. Dubbii gabrummaatu kana caalee bosonatti nu galche. Bilisummaan salphaatti akka hin dhufne beekee WBOโn obsaan ilkaan ciniinnatee Oromoof rakkina akkas dhandhamate jechuu isaa addeessa.
Ana falmataa Gadaa
Boonsaa sirna Abbaa Gadaa
Yoo Oromoon tokko taโee
Diinnisaa baqee badaa
Ollaan kee bilisoomtee
Alaabaashee dhaabbattee
Atis mirkaneeffachuu
Akkamittiin dagatteeโฆ..
Ilmaan Oromtichaa warra sirna Gadaaโฆ., warra Gadaan bulu , warra guddaa, Oromoota warra nagaa mee tokko taโaa! Yoo isin tokko taatan, diinni keessan isin hin ilaalu. Jabaadhaa diina falmadhaa. Ollaan keessan Eertiraan falmattee bilisa baateeโฆ. Atis falmadhu. Biyya kee bilisa baafadhuโฆ. ergaa jedhu ilmaan Oromoof dhaame.
Weedduu fi geerarsa dhaamsa ilmaan Oromoof galaa taโu dhaame. Ummatni Oromoo akkamiin gaara injifannoo irra dhaabbachuu akka dandaโu, qabsoo akkamii taasisuu akka qabu, hanqinaa fi rakkoowwan ilmaan Oromoo keessa jiruโฆ. hunda isaa weedduun ilmaan Oromootti hime. Sirbi Eebbisaa kun sochii qabsoo ilmaan Oromoo keessatti akka motora warraaqsatti tajaajile.
Sagalee isaa akka ulullee san namni kamuu eessattuu, tasas osoo karaa adeeman, mana muuziqaattis, konkolaataa keessaas, bilbila irraayis iddoo garagaraatti yoo dhagahan hanga harโaatti kan hidhii xuuxaa imimmaan hin harcaafne hin jiru.
Irra darbees gadda humnaa oliin jeeqamee โMee maaloo sirba kana osoon dhagahuu baadhee โ kan jedhus danuudha. Oolmaa Eebbisaan ilmaan Oromoof ooletu hin madaalamu. Abbaan mulโataa haala akkasiin harka wayyaaneen ajjeefamuun godaannisa bara baraa taโe.
Weedduuwwan onnee namaa madeessanโฆ.. geerarsaan mulโata raage. Sagalee keessa namaa qirqirsu, sagalee Eebbisaa Addunyaati. Gootichi Oromoo abjuu dhugaa abjootee wayyaaneen nyaatame. Lubbuun kee boqonnaa bara baraa yaa dhandhamtuโฆ., mulโatnii fi oolmaan kee ilmaan Oromoofi qeerroowwan ati dhiistee sokkiteen galma gaha.