12/07/2024
Abbaa galataa !!!!!
Baayeen gammade Baankii Coop Asallaa gamoo sitii moolii gad jiru ol aseene hanga dabareen nagahuutti ijjikoo gamoo ilaalee dubbiisa
Maqaa baankii,
Duudhaalee baankii ilaalee yoon itti aanu suuraa kana arge yeroo gabaabaa keessatti gammachuun addaa nakeessa faca e,suuraa kana kaasuu jedheen gaafadhe,ittuuma siiqeen kaase,maaf kaaftaan gaafiin naaf ka e,ani nama kabajamaa kanaaf jaalala addaan qaba sanaafan kaaseen jedhe gaafachuu dursee akka ture ibse,dhimmakoo xummuree gad bahe,
Baankichi akkaataa barruu kaa eef suuraa itti kaaye galata guddaa qaba,coop hunduu waan irraa baran jedheen ilaala,
Obboo Haayilee Gabree Qootee bulaan oromoo gamtaan akka dinagdee keessatti aangeeffamu itti yaadanii kan bu uureessaniidha,
Institiyuutii gamtaa Ardaayitaatti barsiisaa turan saayinsii,beekkuumsa qabaniin baankii qotee bulaa oromoo,oromiyaa hundeessanii abjuu ofii dhugoomsan,kana quuqamni,kana sabboonummaan,kana lammiin lammiif kan ooluu qabu,
Abbaa galataa kanaaf baankiin kuun suuraa isaa olkaasuun bakka isaaniif malu,namni koraa ittiin yaabbateefuu kabaja qaba,ogeeyyiin hoggantootni baankii duudhaaleen keessan keessaa,
Team work jedha isatu kana,
Abbaa kabaja maluuf kabaja kenniitaniif hundeessaa keessaniif obboo Haayilee qofaa miti ofkabajjan,
Obboo Haayileen abbaa nageenyaati imimmaan haarcaasantu galma Amboo dubbata nagayaaf jecha ana qalaan dhaamsa bara baraati arooreessa dhalootni yoomiyyuu yaadatu,
Kan Obboo Haayilee suuraa isaanii arginaan hin gammadne attam ta ee
Waan isaaniif haawwu,
Yoomiyyuu milkii,
Umrii bara baraa,
Fayyaa,
Qabeenya,
Gammachuun haawwaaf,
Quuqaa sammuu jalaa baatan boonaa jiraadhaa,aaga nuu haadhageessiisu !!!!!