Jiibammtee Malhagodhuu

Jiibammtee Malhagodhuu Gaafa Diinni
Siwaraane
Boossee
Diini kee
Hin
Gamachiisin
Obsii
Keessa
keetti
Dhukkubsadhu
Malee
🌹🌹

 Lubbuun ilmaan Oromoo Harki Caalu Azalaa fi Qadara malee Akka Baala Mukatti Harca'aa jirti  Lubbuu Nama Dhunfaa Jiraach...
05/08/2023

Lubbuun ilmaan Oromoo Harki Caalu Azalaa fi Qadara malee Akka Baala Mukatti Harca'aa jirti Lubbuu Nama Dhunfaa Jiraachisuuf Lubbuun Hedduun wareegamee jira Lubbuun nama dhunfaa Sunis Dallaala Seeran Ala Lubbuu nama Barahaa fi Baharitti Oofaniiti😭💔

Gadadoon karaa Su'uudii Somalia irraa Jalqabdi Somaalen Akka Bineensatti Adamsaa Konkolaata tokko irratti Akka Nama qoraan Fe'utti wal gubaatti Guurtee Bahara Geessiti Kan Du'ee fi kan dhukkubsate Xarafa baharatti Qurxummii fi Naachaf Geessitee Harti Kan Lubbuu qabu Doonitti Guurtee Yaman Geessiti Qarshiin ijoollee Dhuumtee Maatiif hin hafu Mana fi lafa itti Gurguranii Ergan Qarshiin hin hafne Lubbuun hin hafne maatiin waa lama dhabdi 😭🙏

Warri Yaman bahe Geeffamee Daanga Su'uudi fi Yaman jeddutti Naaqamee Saarukhaan Waadama Kan Saarukha irraa Hafe Utuu Qawwee Eegdota Daangaa Su'uudii Baqatuu Akka Horitti Hallayyatti Shigigaatee Dhuma Nama Dhibba keessa Namani Su'uudii Seenu Nama 20 hin Caalu Obbolleessi keenya tokko Akkas naan jedhe Torbee 3 dura Nama 117 Daangaa waliin Seenne Keessa Namni Lubbuun Hafe Nama 21 qofa naan jedhe Namni Meeqa Akka Lubbuu dhabe Tilmaami😭🙏

Lubbuu nama keenyaa Oolchuf Yoon Suusiin Biyyaa nama deemuu nu qabde Karaa Seeran Alaa Oofu irraa Karaa Seera Qabeessan Biyyaa Nama deemuu haa filannuu😭🙏

Yaa Rabbi Obboleetti keenya Kanaaf Rahmata godhi Maatii ishiitif Sabrii imaana kenniif 💔😭🙏

13/07/2023

Hattuun tokko halkan halkan yeroo hedduu moora nama tokkoo seenee, wantoota argate hunda fudhatee deema ture.
Halkan tokko abbaan mooraa mukarratti ol bahee hatticha eeguu jalqabe. Hattichi fiigaa dhufee muka san jala dhaabbatee, bitaaf mirga, fuulduraa fi if duuba laaluu jalqabe.

Abbaan manaa muka gubbaa taa'ee firii mukaa takka itti gad lakkise. Yeroo firiin matarra buutu hattichi akkuma ol je'een, abbaa mooraa ka mukarra taa'uun iji walitti buute.

Abbaan mooraa mukarra taa'ee akkas je'een, "kana maalif akkan godhe ni beeytaa?"

Yeroo mara gaafa hatuuf yaadde, akka namni sin agarreef gara bitaa fi mirgaa qofa osoo hin taane, gara gubbaatiis akka laaltu si yaadachiisuu barbaadeetii" je'een.

Obboleessa kiyya, obboleettii tiyya, Waan hedduu tokko dhokannee akka namni nun agarretti hojjachuu dandeenya. Garuu wanni hubachuu qabnu; Waan nuti goonu hunda rabbiin akka nu argaa jiru hubachuu qabna.

Karaa dheeraan deemagalmi koo fagoodhaKaayyoo jabaan qabaabjuun koo guddaadhaGaafa kaayyof baatuqoreen ni baayyataWaa al...
13/07/2023

Karaa dheeraan deema
galmi koo fagoodha
Kaayyoo jabaan qaba
abjuun koo guddaadha

Gaafa kaayyof baatu
qoreen ni baayyata
Waa alaa waa manaa
hundumtuu qormaata

An garuu kutadhee
jalqabeera deeemsa
Qoreen waraanamaa
dhukkuba koo obsaa

Ilaali ija koo
sodaa takkaan qabu
Humni namaa kamuu
tasayyuu nan dhaabu

Galma koo ga'uudhaf
deemsi itti fufa
Barri baraan darbee
dukkanni ni ifa

kayyoo kiyyaaf jedhee
nan ta'a waan ta'u
Duta sareef jedhee
mormi koo'n naanna'uu
Waca gandee ammoo
gurri koo'n dhaga'uu
Guyyaa Garii Naf Qabadhaa
By Tamaam Yuusuf

05/09/2022

Miseensi Koree hoji raaw'achiiftuu TPLF Geetaachoo Raddaa galgala kana TV Tigraay irratti gaaffii fi deebii Tigrinyaadhaan geggeessee jira. Hasawaa isaa keessaa dhimma hubachuu qabnu cuunfaan akka armaan gadii ti.
======
"Guyyoota 11n dabran kana humni Abiy fi Isaayaas qindoominaan Tigraay cabsuuf humna qaban hunda duguuganii nurratti duulan. Oromiyaa fi Kibba keessatti humni tokko osoo hin hafne haxaawanii nurratti bobbaasan. Humni hidhate mootummaa kan Federaalaa fi naannoo hundi nurratti hiriire. Minishirii faa boojine. Kun kan agarsiisu hidhataan ganda keessaa kan qawwee moofaa durii baatullee akka hin hafini. Haa tahu malee duula waraanaa hangana gahu jagnoonni keenya barnoota seena-qabeessa barsiisuun ofirraa qolatan. Humni Abiy-Isaayaas akka hawwanitti Tigraay cabsuun kan hin danda'amneef tahuu bifa gahaadhaan mirkaneessineef. Lafoota keenya kan siichi lollee bilisa baafnu kan hanga ammaatti Eertiraa fi humna biraatiin qabamanii jiran yoo tahe malee lafa Tigraay taakkuu tokkollee cabsanii seenuu hin dandeenye.

" Lola kana keessatti ummanni Amaaraa hirmaachuuf fedhii mul'ataa hin agarsiifne. Ummanni Amaaraa fi Affaar akka lolichi isaan hin laallanne waan hubatan fakkaata. Ummanni Amaaraa akka Abiy Ahmad faallaa dantaa isaanii tahe hubataa jiru. Humna Faannoo nu waraanuuf dhufe yoo boojinu waan isaan ajjeefnu se'anii sodaatanii turan. Nuti garuu Abiyyiin akka dorggorfamanii dhufan waan beeynuuf boojinee kaanee nagaan isaan gadhiifne. Nuti lolli keenya ummata Affaar, Amaaraa, Agawus tahee Ertiraa waliin akka hin tahin irra deebinee mirkaneessina"
=====

Xiinxala gabaabduu dubbii kanarratti
======
Geetaachoo qofa osoo hin taane yaada hogganoonn TPLF as kaluu calaqqisaa jiran keessatti wanni tokko ifa tahaa jira. TPLF lola amma duraa keessatti diinummaa hadhooftuu humnoota Amaaraa waliin qabaachaa turan irratti jijjiirama tarsiimoo gochaa jiru. Kallattiin tarsiimoo isaanii walii galatti yoo laalamu Amaara firoomfachuun OPDO kophaatti baasanii dhahuu akka tahe agarsiisa. OPDOn Oromoorraas Amaarraas addatti baatee kophaa yoo hafte akka salphaatti dhahamtu herreganii itti deemaa jiru. OPDOnis kana hubattee dhiphuu guddaa waliin Amaara jabeeffachuuf ququncawaa jirti. Dubbiin gidduu kana Horroo keessatti tahe ragaa dha. Faan- noon gidduu kana Wallagga seenee ummata keenya nagaa fixuufi kunis akka hin gabaafamne dhorkuun OPDO Amaara gammachiisanii akka jarri Tigraayitti hin araaramne ofitti harkifachuuf akka tahe tilmaamuutu danda'ama. OPDOn Amaara gammachiisuuf jecha kana caalaa Oromoo irratti garaa jabaachuu malti. Kanuma waliin kan hubatamuu qabu, Humni Addaa Oromiyaa daguugamee gara lola kaabaatti yoo bobbaafamu Faan=noon Amaaraa ammoo qoodamee gara Tigraay osoo hin taane gara Oromiyaatti bobba'uuf carraa argachuun ergaan isaa ifa nuu galuu qaba.
Qehee keenya haa tikfannu!

05/09/2022

Gaafa Diinni
Siwaraane
Boossee
Diini kee
Hin
Gamachiisin
Obsii
Keessa
keetti
Dhukkubsadhu
Malee

Adresse

Boulas

Téléphone

+25377582698

Site Web

Notifications

Soyez le premier à savoir et laissez-nous vous envoyer un courriel lorsque Jiibammtee Malhagodhuu publie des nouvelles et des promotions. Votre adresse e-mail ne sera pas utilisée à d'autres fins, et vous pouvez vous désabonner à tout moment.

Contacter L'entreprise

Envoyer un message à Jiibammtee Malhagodhuu:

Raccourcis

Partager

Catégorie