09/08/2021
keessaa Oromoo irratti raawwate. Gurraan kanin dhaga'e. Hedduun kan na dhukkubse.
1. Lalisaa Tafarii Laaloo Asaabiitti gaa'ela isaaf qophiitti nama jiru qabanii ajjeesanii, reeffa Sharaan maranii maatiif laatan.
2. Harmeen Oromoo Amsaaluu Guddataa kan jedhamtu Wallagga Lixaa Laaloo Asaabiitti daa'ima harma hinguunee irraa daa'imman ishee duratti rasaasa waraana mootummaan bakka araddaa ishee qoffarattutti ajjeefamte.
3. Amaanaa Daadhii Shaggar Kaabaatti qaama saalaa irraa muranii, ija isaa jaamsanii dhuma irratti ajjeesanii gatan.
4. Boonaa Habtaamuu ija tokko keessaa baasanii, itti aansanii harka isaa duubatti cabsanii booda ajjeesanii bishaan Birbir jedhamu Wallagga Lixaa Laaloo Asaabiitti reeffa isaa gatan.
5. Mohaammad Amiin kan jedhamu Baha Oromiyaa Hararge keessatti hojjetaa mootummaa kan ta'e Koronaa qabda jechuun qabanii erga hidhanii booda ajjeesanii bakkeetti gatuun, reeffa isaa Waraabessa nyaachisanii bakka maatiin hinarginetti awwaalani. Booda maatiin gaafannaan mataa isaaf uffata isaa qofa laataniifii maatiin Mohaammad uffataaf mataa isaa qofa awwaallate.
6. Kaaba Shaggar keessatti ilma Oromoo tokko qabanii reebanii caccabsan. Erga caccabsanii booda ajjeesan. Reeffa isaa abbaa waamanii du'a ilmakee irra deemi jedhaniin. (Odeessa kana guutuu isaan isin biraan ga'a)
Walii gala taateewwan akkaan nama suukanneessan kan Oromoo irratti waraana mootummaan ta'aa jiru 6 torban kana keessa kanan dhaga'edha.